Sababni ilmi namaa Waaqayyoon sodaatee akka barsiisa Waaqayyootti jireenya qajeelaa jiraachuu qabuuf, mootummaa samii isa bara baraa isa Waaqayyo abdachiise keessatti bara baraan gammaduuf. Kanaafidha Ergamaan Phaawuloos galma amantii—fayyina lubbuudhaaf akka fiige kan dubbate.
Gara fayyina lubbuu keenyaatti, galma amantii keenya nu geessuuf, Kiristoos Ahnsahnghong yeroo lammataaf foon uffatee gara lafa kana dhufee Ayyaana Faasikaa kakuu haaraa kan 325 A.D.tti haqame deebisee dhaabe. Barsiisa Faasikaa malee Hafuurri Qulqulluun Waaqayyoo nu keessa jiraachuu hin danda’u jedhu hordofuun, miseensonni Waldaa Waaqayyoo addunyaa guutuutti Ayyaana Faasikaa qulqullaa’ee eegu.
Wanni kunis akka amantiin keessan kan warqee yoo ibiddaan qulqulleeffame iyyuu badu sana caalu sun dhugaa taʼuun isaa mirkaneeffamee, yeroo itti Yesuus Kiristoos mulʼatutti galata, ulfinaa fi kabaja fiduuf taʼe. . . . isin buʼaa amantii keessanii jechuunis fayyina lubbuu keessanii argachaa jirtuutii. 1 Phexros 1:7–9
Dhuga baʼumsi sunis isa kana: Waaqni jireenya bara baraa nuu kenneera; jireenyi sunis Ilma isaa keessa jira. 1 Yohannis 5:11
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy