Israa’eloonni yeroo Gibxii ba’an Waaqayyo jalqaba humna Faasikaa mul’isee, Faasikaa karaa Seera Musee labse, yeroo murtaa’etti dhaloota dhufuuf akka eegan ajaje. Boodarra sabni Waaqayyoo Ayyaana Faasikaa erga kabajanii booda galateeffamanii balaa irraa eeggamaniiru, Yesuus duuka buutota isaa waliinis ayyaana Faasikaa kabajuun eebba jireenya bara baraa isaaniif kenneera.
Ayyaanni Faasikaa bara Dh.K.D 325 erga haqamee kaasee waldoonni hundi aadaa waaqa tolfamaa tokkoo eegaa turan. Haa ta’u malee, miseensonni Waldaa Waaqayyoo barbaachisummaa Ayyaana Faasikaa, isa Waaqayyo sabni isaa dhaloota dhufuuf akka kabajan ajaje, karaa barsiisa Kiristoos Ahnsahnghong fi Waaqayyo Haadha, hubatanii, kabaju.
Mootichis, “Akkuma Kitaaba Kakuu kana keessatti barreeffame sanatti Waaqayyo Waaqa keessaniif Faasiikaa ayyaaneffadhaa” jedhee saba hunda ajaje. . . .
Mootiin akka Yosiyaas kan akka Seera Musee hundaatti garaa isaa guutuudhaan, lubbuu isaa guutuu fi humna isaa guutuudhaan gara Waaqayyootti deebiʼe tokko iyyuu isaan duras isaan duubas hin argamne.
2 Mootota 23:21–25
Innis deebisee akkana jedhe; “Magaalaa seenaatii nama wayiitiin, ‘Barsiisaan, yeroon koo gaʼeera; ani barattoota koo wajjin Ayyaana Faasiikaa mana keetti nan kabaja siin jedha’ jedhaa.”
Barattoonnis akkuma Yesuus isaan ajaje sana godhan; Faasiikaas ni qopheessan.
Maatewos 26:18–19
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy