Yeroo seera Waaqayyoof abboomamnee jiraannu, eebbi baay’een yeroo hunda nuuf qophaa’a. Sababa kanaaf, ayyaanota Waaqayyo bara Abbaa irraa kaasee hundeesse keessa—kan akka Sanbataa fi Faasikaa—yeroo hundumaa ajajni, “Hin dagatinaa, garuu bara baraan yaadadhaatii eegaa.” jedhutu jira.
Macaafni Qulqulluun bara hundumaatti warri seera Waaqayyoo eegan qajeelota ta’anii akka eebbifaman, warri seera Waaqayyoo cabsan immoo fincilaan akka adabaman dubbata. Israa’eloonni kan gara Baabilonitti booji’amaniif seera Waaqayyoo eeguu dhabuu isaaniitiini.
nu WAAQAYYO Waaqa keenyaaf hin ajajamne yookaan seera isaa kan inni karaa tajaajiltoota isaa raajotaatiin nuuf kenne sana hin eegne. Israaʼeloonni hundinuu siif ajajamuu diduudhaan seera kee cabsaniiru; sirraa garagalaniirus. “Kanaafuu sababii nu cubbuu sitti hojjenneef abaarsaa fi kakuun Seera Musee garbicha Waaqaa sanaa keessatti barreeffame nurratti dhangalaʼe. Daaniʼel 9:10–11
Inni qajeelfama koo duukaa buʼee seera koos amanamummaadhaan eega. Namni akkasii qajeelaa dha; inni dhugumaan ni jiraata, jedha WAAQAYYO Gooftaan. Hisqiʼeel 18:9
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy