Waaqayyo warri isatti amanan Hafuura Qulqulluu ni argatu jedhee waan dubbateef, warri fudhachuu barbaadan barsiisa Waaqayyo Yihowaa bara Abbaa keessa, Yesuus bara Ilmaa keessa, akkasumas Kiristoos Aansaanghoong fi Waaqayyo Haadha, warra akka Hafuurichiifi misirroonitti dhufan, bara Hafuura Qulqulluu keessa amanuufi hordofuu qabu.
Warri dubbii Waaqayyoof abboomaman warra dhugaadhaan Waaqayyotti amananidha. Akkuma Nohi, Abrahaam, Musee, Iyaasuu fi Kaaleb sagalee Waaqayyoof abboomamuudhaan eebbifaman, namoonni amantii qaban kanneen Guyyaa Sanbataa fi Faasiikaa—dubbii Waaqayyoo—eegan har’as ni eebbifamu.
Namni kan Waaqaa taʼe kam iyyuu dubbii Waaqaa ni dhagaʼa. Isin waan kan Waaqaa hin taʼiniif hin dhageessan.” Yohannis 8:47
Yoo ati ajaja Waaqayyo Waaqa keetii eegdee karaa isaa irra deddeebite, Waaqayyo akkuma kakuudhaan si abdachiisetti saba isaa qulqulluu godhee si dhaaba. Ergasii saboonni lafa irra jiraatan hundi akka ati maqaa Waaqayyootiin waamamtu arganii si sodaatu. Keessa Deebii 28:9–10
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy